Hooganoonni Adda Billisumaa Oromoo ABO waggoottan dura mana hidhaa qajeelcha poolisii magaalaa Buraayyuutti hidhaman yeroo amma dhukkubsatanii wal'aansa gahaa dhabanii rakkachaa jiru, jechuun abukaatoon hidhamtoota ibsaniiru.
ABO' hoggansi dhaabichaa qajeelcha poolisii magaalaa Buraayyuutti seeran ala hidhamanii jiran jedhee haalduree tokko malee akka hiikkaman gaafate.
Yeroo ammaatti hooggaansa kanneen keessaa namoonni sadi haala hamaan dhibeef saaxilamanii wal'aansa argachaa, jedha paartichi.
Dhimma hidhamtootaa kana ilaalichisuun, komishinii poolisii Oromiyaa irraa deebii argachuuf carraaqqiin taasisne har'aaf hin milkoofne.
Forum