Naannoo Oromiyaatti caasaa humna addaa diiguun hojiin caasaa nageenyaa adda addaa keessatti gurmeessuu hojjetamaa jira, jechuun komishinarri koomishinii poolisii naannichaa Araarsaa Mardaasaa Sagalee Ameerikaatti himan.
Haaluma kanaan bobbiin humna addaa dhaabbachuu fi Raayyaan Ittisa Biyyaa fi Poolisiin Federaalaa hojii nageenyaa naannichaa fudhachuu isaanii beeksisaniiru. Naannoon Kibbaa fi Somaalees murtee mootummaan federaalaa dabarse hojiirra oolchuuf adeemsa irra akka jiran ibsaniiru. Hooggantoonni naannolee akka jedhanitti miseensonni humna addaa dhaabbilee nageenyaa fi tasgabbii idilee, jechuunis raayyaa ittisa biyyaa, humna poolisii federaalaa fi humnoota poolisii naannichaa keessatti hammatamaniiru.
Forum