Wal Waraansi Sudaan keessaa guyyaa Shanaffaaf kan itti fufee jiru yommuu ta’u Ummanni Sudan, fi Hawwaasni Idil-Addunyaa ammoo waldhabdee angawoota waraanaa Sudaan gidduutti uumame kana mariin akka furamu waamicha dhiyyeessaa jiran.Garuu, gama qaamoolee wal wraanaa jiraniin mallattoon abdachiisaan argame hin jiru.
Wal waraansichi gara kamitti deemu mala kan jedhurratti Mitikkuu Fiqaaduu, Yunivarsitii Wallaggaatti barsiisaa siyaasaa fi Yunivarsitii Finfinneetti ammoo barnoota isaanii dooktorummaa kan hordofaa jiran – Ogeessa Saayiinsii Siyaasaa – Obbo Guutamaa Daani'eel Finfinnee irraa dubbisee jira.
Forum