Ummanni Sidaamaa ayyaana aadaa kan bara haaraa Fichee– Cambalaalaa haala ho’aa dhaan kabajatee jira. Ayyaanni kun har’a naannoo Haroo Hawaasaa bakka angawoonni mootummaa olaanoo fi bakka bu’oonni bulchiinsa naannoo fi naannoo ollaa argamanitti kabajameera.
Akka waan hirmaattonni VOAtti himanitti, ayyaanni Fichee-Cambalaalaa waggoota muraasaaf sababa weerara COVID-19 fi walitti bu’iinsa kaaba Ityoophiyaa irraan kan ka’e ayyaaneffachuuf daangeffame booda, amma guutummaatti hojiitti galeera jedhan. Ayyaanni kun bara 2015 UNESCO dhaan Tarree Bakka Bu'oota Hambaalee Aadaa keessatti hammatameera.
Forum