Haroon Shaallaa kan Paarkii biyyaalessaa Haroowwan Abijaattaa fi Shaallaa keessatti argamu bakka hawwataa fi qabeenya uumamaa hedduu otuu qabuu hin misoomin hafuusaa jiraattonni fi angawootni dubbatanii jiran.
Haroon Shaallaa Itiyoophiyaa keessatti gad fageenyaan haroo guddicha akkasumas qabeenya bishaan horaatiin beekamaa tahee otuu jiruu, bakkawwan silaa daawwattootaaf tajaajila kennan akka hin ijaaramin jiran kan himan jiraattonni kun akka mootummaan xiiyyeeffannaa kennuuf waamicha dhiheessanii jiran. Naggaa Wadaajoo; Itti Aanaa Koomishinerii Koomishinii Tuurizimii Oromiyaa, sagantaan addaa paarkii haroowwan Abijaataa Shaallaa qabamee jiru gaaffii dhihaataa jiru kanaaf deebii taha, jedhanii akka amanan dubbatu. Galmoo Daawit dabalata qaba.
Forum