Godina Booranaa Aanaa Yaa’a Ballootti angawootni fi humni naga-eegumsaa sarbiinsa mirga namoomaa shakkamtoota irratti raaw’atan jedhaman saddeet to’annaa jala oolfamuu Aanaan Yaa’a Balloo beeksise. Obbo Gobbuu Canaa, Bulchaan Aanaa Yaa’a Balloo, Ganda Harweyyuutti dargaggoota hanna midhaan gargaarsaan shakkaman afur irratti bulchaan gandaa fi humnootni nageenyaa gochaa sarbiinsa mirga namomaa irratti raaw’atan, jedhamuun namoonni saddeet qabamuu beeksisan. Angawootni kun waan safuu biyyaa akkasumas seera cabsu dalagan kan jedhan obbo Gobbuun, ijoolleen yakka jedhame raawwachuun shakkamanus seeraan gaafatamuu malan jedhan. Poolisiin Aanaa Yaa’a Balloo’s yakkicha akka qorataa jiru dubbata.
Forum