Godinaalee Oromiyaa adda addaa keessatti walitti-bu’insoonni itti fufuu jiraattonni Sagaleen Ameerikaa dubbisee ibsanii jiran. Sodaa nageenya isaaniif maqaa himachuu irraa kanneen of qusatan jiraattonni godinaalee Shawaa Lixaa, Horroo Guduruu wallaggaa fi godinaalee biroo, mootummaa fi Waraanni Bilisummaa Oromoo karaa nagaa akka dubbataa jiran ibsaniyyuu, walitti-bu’insonni garuu ammallee hin dhaabanne, jedhan.
Yeroo marii nageenyaa dhaga’an abdii horachuu isaanii kan dubbatan jiraattonni kunneen amma ennaa wal-waraansicha dhaga’an ammoo deebi’anii yaaddoo keessa galuu isaanii himan. Yunivarsitii Ambootti barsiisaan saayinisii siyaasaa tokko immoo, qaamonni lameen akka gara marii nagaatti dhufan uummatni dhabamuu nageenyaa keessa jiru dhiibbaa gochuu qabu, jedhan.
TD/DHW
Forum