Xurree ittiin seenan

Breaking News

Finfinnee Keessatti Kanneen Hidhaman Nyaata Lagachuun Seeraan Ala Hidhamne Jechuun Mormaa Jiru :Abuukaatoo


Abukaatoo hidhamtootaa Solomon Gezzaaheny
Abukaatoo hidhamtootaa Solomon Gezzaaheny

Dhuma baatii Bitooteessaa irraa eegalee mana hidhaa keessa kan turan kan gara 47 ta'an, "seera malee hidhamuu" isaanii mormuun, nyaata erga lagatanii guyyoota sadii ta'eera jechuun abukaatonni isaanii Raadiyoo Sagalee Ameerikaatti himan.

Abukaatoon isaanii, Obbo Solomon Gezaheeny akka jedhanti, hidhamtoonni kunneen har’a booda nyaata lagachuu isaanii ni xumuru jedhan.

Shakkamtoonni 47 kun ''haleellaa qondaaltota olaanoo naannoo Amaaraa irratti raawwachuu, naannoo Amaaraa to'achuu fi mootummaa federaalaa kuffisuuf hojjechaa turan'' jechuun humnootiin qindooman kan nageenyaa fi tikaan himatamanii jira.

Namoota dhuma baatii Bitooteessaa irraa eegalee hidhaman keessaa , Dr. Wendwosan Asaffaa, gargaaraa profeesaraa Sisaay Aawgicheew ,professor Maareguu Bezaabih, Dr. Masarat Worquu, Obbo Tasfayeee W/ Mariyaam, Maskaram Abarraa fi kanneen biroo kanaan dura yeroo 3 hanga -4 mana murtiitti dhiyaataniiru.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG