Jiraattonni Godina Booranaa hongeen manaa fi qehee ofii irraa buqqa’an eega dhiyeenya kana bokkaan roobee as tumsi gargaarsaa irraa dhaabbachuu dubbatani jiru. Keessumaa aanaa Dubluq kanneen qubatanii jiran, gargaarsi kun ka lubbuu baduu irraa oolchu akka tahe eeranii, amma garuu waan dhaabbateef rakkoo keessa jirraa jedhan. Godinaan Booranaa gama isaatiin, mootummaan ammallee buqqaatota kana dabalatee namoota kuma dhibba saddeet gargaaraa akka jiru eeree, dhaabbatoota kana fuul-duratti gara jireenya dhaabbataatti ceesisuuf hojjetaa jirra, jedha.
Forum