Gaanfa Afrikaatti Ergamaan Addaa Yunaaytis Isteets, Ambaasaaddar Maayik Hamer Roobii, Caamsaa 31 Jibuutii fi Itiyoophiyaatti akka imalan himamee jira. Ministitiin Dhimma Alaa Yuniyitid Isteetis ibsa baaseen akka beeksisetti Ambaasaaddar Hammer Jibuutiitti, Waltajjii Nageenya Afrikaa Bahaa kan waaltaa Ajaja Yunaayitid Isteetis Afrikaaf qabduun qophaa’ee fi garee hojii waloo – Gaanfa Afrikaatiin qophaa’e irratti ni hirmaatu. Kunis rakkoo mudateef tattaaffii deebii kennuu qindeessuu, akkasumas soda balaa nageenyaa qolachuuf taasifamu qindeessuun ta’a, jedha – ibsi Ministirii Dhimma alaa Yunaayitid Isteetisiin bahe kun.
Kana malees, qondaaltota mootummaa Jibuutii waliin wal arguun, walta’iinsa biyyoota lamaanii fi dhimmoota naannoo Gaanfa Afrikaa, akkasumas barreessaa olaanaa Abbaa Taayitaa Misooma Mootummoota Giddugaleessaa (IGAD) Dr. Worqneeh Gabayyoo waliin mari’achuun hirmaannaa fi sochii IGAD dhiyeenya kanaa gamaaggamuu.
Itiyoophiyaa keessatti Ambaasaaddar Hammer, raawwii Waliigaltee Diinummaa Dhaabuu Sadaasa 2, bara 2022 irratti, qondaaltota Gamtaa Afrikaa waliin ni mari'atu, jechuun Ministiriin Dhimma alaa Yunaayitid Istteetis ibsa baase kanaan beeksisee jira.
Adeemsa fi aantummaa-tattaaffii haqa ce’umsaa fi itti gaafatamummaa dabalatee, sagantaa hidhannoo hiikkachuu, fi deebi’anii walitti makamuu irratti, - qondaaltota mootummaa Itoophiyaa Finfinnee keessa jiranii fi Bulchiinsa Yeroo kan Naannoo Tigraay Mekele jiru waliinis ni mari’atus jedheen jira.
Forum