Xurree ittiin seenan

Breaking News

Tokkummaan Mootummootaa Uggurri Meeshaa Waraanaa Sudaan Kibbaa Irra Ka’ee Ture Dheeresse


Waraana gara Dimokiraatik Ripablikii Koongoo deemuun Juubaa keessatti qophahe, Muddee 28, 2022.
Waraana gara Dimokiraatik Ripablikii Koongoo deemuun Juubaa keessatti qophahe, Muddee 28, 2022.

Kan addaan qoodamee golli naga eegumsaa kan Tokkummaa Mootummootaa Sudaan kibbaa irratti qoqqobbii meeshaa waraanaa ka’amee yeroo isaa dheereessee jira.

Biyya haaraa addunyaa kanaa kan taatee Sudaan Kibbaa Mormii kan dhageesiifte yoo ta’u, fi Raashiyaa, Chaayinaa fi biyyoonni Afrikaa sadan kanneen qoqqobbii akka kaafamu gaaffii dhiheessan, sagalee kennuu irraa of qusachuu isaaniitiin uggura meeshaa waraanaa Sudaan Kibbaa irratti dheeresse.

Wixinee Murtii ugguraa Yunaaytid Isteetis qopheessite kun kanaan dura Caamsaa darbe fudhatame irratti sagalee kenname waliin wal fakkaata.

Akka kanaanis, sagalee deggersaa 10 mormiin lafa hin jirreetti, sagalee kanneen hin kenniin hafan 5n ragga’ee.

Murteen kun leenjii marsaa jalqabaa xumuruu fi humna tokkummaan hundeeffame eebbisuu dabalatee, qaamolee waliigaltee aangoo qooddachuu bara 2018 dadhaboo ta’an tokko tokko hojiirra oolchuu keessatti “guddina jajjabeessaa” argamee simatee jira.

Garuu “jeequmsa cimee itti fufee jiruu rakkoo siyaasaa, nageenya dheeressuu irratti. rakkoo dinagdee fi gargaarsa namoomaa kutaalee biyyattii irra caalaan mudate jira yaaddoo jedhu ibseera."

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG