Mootummaa Itoophiyaafi Waraana Bilisummaa Oromoo jidduutti mariin nagaa ka jalqabamee ture tahus qaamoleen lamaan, torban dabre kana mariin marsaa 2ffaa ammaaf karoorsame hin jiru jechuun ibsanii turan.
Gama biraatiin, Jiraattonni naannoo Oromiyaa bakkawwan garaa garaa irraa Sagaleen Ameerikaa dubbise, qaamota lamaan gidduutti walitti-bu’insi hammaachaa deemuu dubbatan. Dhimma kana irratti akka ilaalcha isaanii nuuf kennan Tsahaay Daamxoo barsiisota Saayinsii Saayinsii lama, Guutamaa Daani'eel Yunivarsiitii Finfinneerraa, Solomon Abarraa Yunivarsiitii Amboorraa dubbistee, gabaasaa qindeessite qabdi.
Forum