Xurree ittiin seenan

Breaking News

Maalii Keessatti Heera Moootummaa Haaraa Irratti Sagaleen Kenname Lakkaawamaa Jira 


Filannoon wixinee heeraa Maalitti geggeeffame, Bamaakoo, Maalii, Waxabajjii 18, 2023.
Filannoon wixinee heeraa Maalitti geggeeffame, Bamaakoo, Maalii, Waxabajjii 18, 2023.

Dilbata kaleessaa Baamaakoo keessatti filattootni Maalii wixinee heera mootummaa haaraa irratti sagalee isaanii kan kennan yoo ta’u, deemsii sagalee lakkaa’uus gaggeeffamaa jira.

Hogganaan fonqoolcha mootummaan aangoo qabatn akka jedhanti, wixineen haaraan kun biyyattii keessatti bara 2024tti filannoo haaraa gaggeessuuf karaa saaqa. Qeeqxxonni garuu kun yeroo aangoo isaa dheeressuuf tooftaa harkifannaa jechuun waame.

Gara waggaa sadii dura mootummaa biyya karra galaanaa hin qabne Maalii kan to’atan Koloneel Assimi Goita lammiwwan biyyatiif akka ibsanti, wixineen heeraa dhiyaate mootummaa seera eegsisuu fi itti gaafatamummaa biyyatti fudhatu dhaabuu dandeesiisa jedhan.

Gareen taajjabdoota deemsa sagalee kennuu MODELE jedhamu akka jedhetti walakkeessa guyyaa irratti filattota ulaagaa guutan keessaa gara harka 21 qofaatu argame. Buufataalee filannoo kurnootaan lakkaa’aman sababa rakkoo nageenyaatiin cufamanii, mirga namootaa dhabsiisan jedha. Deemsii sagalee kennuu kun, kutaa Kidaal gama Kaaba guutuummaa biyyatti keessatti hin gaggeeffamne.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG