Xurree ittiin seenan

Breaking News

Tigiraay Keessatti Manneen Barnootaa Banamaniyyuu Haga Ammmaatti Barattoonni Barnoota Deeman Nuusaa Gadi Tahuun Himame


FAAYILII - Ijoollee hiriaan deemtu, mana barumsaa Mayi Weyinii, Maqalee, naannoo Tigraay
FAAYILII - Ijoollee hiriaan deemtu, mana barumsaa Mayi Weyinii, Maqalee, naannoo Tigraay

Waraana Kaaba Itiyoophiyaatti tureen Bulchiinsa naannoo Tigiraay keessatti manneen barnootaa guutummaa guutuutti cufamanii waggoota lamaa oliif turan amma akka haaraatti erga barsiisuu jalqabanii guyyoonni 50 darbanis lakkoofsi barattoota barnootatti deebi’anii nuusaa gadi jedhe biiroon barnootaa bulchiinsa naannoo Tigiraay.

Bulchiinsa Nannoo Tigiraayitti erga waraana waggaa lamaan booda manneen barnootaa hojii kan jalqaban guyyoota 50 lakkoofsisuyyuu lakkoofsi barattoota manneen barnootaatti deebi’anii nuusaa gadi jedhan hoogganaan biiroo barnootaa naannichaa Doktor Kiroos Gu’uush.

Hir’achuu lakkoofsa barattootaa kanaafis sababni barattoonni baay’een sababa waraanaan qe’ee isaanii dhiisaanii godaanuu fi ammayyuu gara qe’ee isaaniitti deebifamuu dhabuu. Midhaan nyaataa ga’aa dhabuu barattootaa fi hooggantoonni barnootaas barattoonni gara barnoota isaaniitti akka deebi’aniif kaka’umsa ga’aa taasiisuu dhabuu akka sababaatti kaasaniiru doktor Kiroos.

Itti dabaluunis naannicha keessatti manneen barnootaa kuma dhibba lamaa fi 492 argaman keesaa kanneen kuma dhibba tokkoo fi 377 ta’an keessatti haalli baruu fi barsiisuu waggaa sadiif addaan citee ture erga baruu fi barsiisuu jalqabee guyyoonni 50 darbaniiru jedhanii ammayyuu bakkoota humnoonni Amaaraa fi Eriitiriyaa qabatanii jiranitti baruu fi barsiisuun guutummaa guutuutti akka hin jalqabnes himaniiru jechuun maqaleerraa kan gaabase Muluugeetaa Astibahaati.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG