Xurree ittiin seenan

Breaking News

Maallaqni Sababaa Hongeetiin Uummata Godinaa Booranaaf Walitti-qabamaa Ture Haga Ammaatti Akka Achii Hin Dhaqqabin Himame


Maallaqni Sababaa Hongeetiin Uummata Godinaa Booranaaf Walitti-qabamaa Ture Haga Ammaatti Akka Achii Hin Dhaqqabin Himame
please wait

No media source currently available

0:00 0:12:46 0:00

Hongee Godina Booranaatti uumamee tureen miidha namaa fi qabeenyairra gaheen uumamticha guddoo miidhame gargaaruuf namoota dhuunfaarraa kaasee hanga dhaabbileetti carraaqqii taasisameen gargaarsi maallaqaa fi dhiheessii nyaataa walitti-qabamaa akka ture ni yaadatama.

Jiraattonni caama sanaan miidhaman ammallee rakkoo sana irraa akka hin dandamatiinii fi garii hanga midhaan lafaa gahutti eeggataa akka jiran dubbatu.

Gargaarsa Nyaataan alatti, garaagarsawwan maallaqa karaa Mootummaa Naannoo Oromiyaa walitti qabaa turan ammayyuu nu bira hin geenye, jedhan jiraattonni. Dhimma kana irratti namoota gargaarsa walitti-qabuuf duula miidiyaa geggeessaa turan keessaa akkasumas, Buusaa Gonofaa Oromiyaa irraa – Aadde Eldaanaa Sulemaan dubbisnee jirra.

Maallaqni walitti-qabame birriin biiliyoona 1.4 baankiilee adda addaa keessa akka jiruu fi hojiirra oolchuuf proojektiilee akka qopheessamaa jiran dubbatan, Aadde Eldaanaan.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG