Xurree ittiin seenan

Breaking News

Dargaggeessi Afriikaa Tokko Paaris Keessatti Ajjeefamuun Aarii Uummataa Kakaase


Ganda Paaris Nantaaree keessatti yaadannoo dargaggeessa waggaa 17f hiriira geggeessame
Ganda Paaris Nantaaree keessatti yaadannoo dargaggeessa waggaa 17f hiriira geggeessame

Dargaggeessi kaaba Afriikaa irraa ta’e tokko Konkolaataan ISAA dhaabsisame poolisiin ajjeefamuu isaan mormiin uummataa halkanii qabee erga hammaatee booda prezidaant Imaanu’el Maakiroon Kamisa har’aa jechuun waxabajjii 29 ministeerota gameeyyii wal ga’ii hatattamaaf waamanii jiran.

Ministriin dhimma biyya keessaa Jeneraal Daarmaaniin akka jedhanitti dheekkamsi uummataa hammaatee daandii irratti erga ba’anii booda keessumaa magaalaalee guddoo Ferensaay bakka sanyiin adda addaa keessa jiraatu keessaa poolisiin namoota 150 to’annaa jala oolchee jira.

Ittiin ka’umsi hookkara sanaa dargaggeessi waggaa 17 Naahel jedhamu bakka Naanteeree jedhamtu andaara magaala Paaris gama dhiyaa magaalaa argamtu keessatti itti dhukaafamuun ajjeefamuu isaa irraan kan ka’e.

Dhukaasni lubbuu namaa galaafate kun, magaalota gurguddoo Faransaay kanneen galii gadi aanaa qaban, sanyii wal makaa ta’an keessatti raawwachuun komii jeequmsa poolisii yeroo dheeraaf sababaa ta’ee jira.

Poolisiin dargaggeessa kana rasaasaan rukutee ajjeechaa raawwate jedhamee qoratamaa jira. Abbaan alangaa akka jedhanitti mucaan kun ajaja konkolaataa isaa akka dhaabuuf kennameef hin kabajne.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG