Rippabiliika Dimookiraatawaa Koongoo keessatti haalli beela hammaataa dhufuu isaa Sagantaan Nyaata Addunyaa ykn (WFP) akeekkachiisaa jira.Kunis sababaa wal waraansa biyyatti gama bahaa keessatti gaggeeffamaan jiruun ta’u hubachisee jira.
Dhaabbanni TokkummaaMootummoota kun bara kana Rippabiliika Dimookiraatawaa Koongoo keessatti namoonni miiliyoona 25.8 hanqinni nyaataa akka isaan mudatu kan beeksise yoo ta’u, lakkoofsi kunis biyyoota addunyaa irra jiran kamiifuu guddaa ta’uu ibseera.
Angawoonni akka jedhanitti, baatii Guraandhalaa bara kanaa irraa eegalee namoonni gara miliyoona tokkoo ta’an qe’ee isaanii dhiisanii baqachuuf dirqamaniiru.
WFPn dhaabbatichi buqqaatota kutaalee bulchiinsa Ituri, Kivuu kaabaa fi Kivuu kibbaa keessatti lakkoobsii isaanii dabalaa dhufe dhaqqabee gargaaruuf birmannaa maallaqaa jalqabeera.
Lakkoofsi namoota beellii mudate miliyoona 6.7tti ol guddateera, kanaaf maallaqa namootaaf geessuu qabna, gargaarsa nyaataa namootaaf argachuu qabna, akkasumas gargaarsa hatattamaa argachuu qabna jedhee jira.
Akkasumas hamma dandeenye cimnee hojjechaa jirra, garuu maallaqa nu barbaachisa, qabeenya nu barbaachisa, bara 2023tti doolaara miiliyoona 700 fi miliyoona 59 nu barbaachisa, jedhan Rippabiliika Dimookiraatawaa Kongootti dubbi himtuun sagantaa nyaata addunyaa Shelley Thakral.
Ministirri komunikeeshinii kan biyyatti Paatriik Muyaayaa biyyattiin rakkoo mudatee humna ol ta’us haala jiru fooyyessuuf hojjechaa jirti jedhan. Gareen finciltootaa M-23 jedhaman kanneen lubbuu namaa galaafatan keessaa isa tokko. Bara darbe naannoo gama bahaa lafa bal’aa erga qabatee booda buqqa’iinsa uummataa guddaa uumeera.
Dhukaasa dhaabuun hoggantoota Hawaasa Afrikaa Bahaa ji’a Guraandhala keessa jiddu galeessa godhate ammallee kan itti fufee jiru yoo ta’u, ammas lolli deebi’ee jalqabuu mala sodaan jedhu jira.
Ap/jg/dw
Forum