Xurree ittiin seenan

Breaking News

Dorgommii Fiigichaa Dayaamend Liigii Istookoolmitti Geggeessamerratti Atileetonni Itiyoophiyaa Qabxii Gaggaarii Galmeessisan


Dorgommii Fiigichaa Dayaamend Liigii Istookoolmitti Geggeessamerratti Atileetonni Itiyoophiyaa Qabxii Gaggaarii Galmeessisan
please wait

No media source currently available

0:00 0:05:13 0:00

Atileetonni Ityoophiyaa Daayaamend Liigii Istookhoolm irratti hirmaatan fageenya garaagaraatiin qabxii jajjabeessaa galmeessisan. Firewayinii Hayiluu dorgommii meetira 1500 dubartootaatiin kan injjiffatte yoo ta'u, sa'aatii dinqisiisaa 4:02 '31 galmeessiteetti. Dirriibee Waltejii sadarkaa 2ffaa yoo baatuu, Hiruut Mashashaa ammoo 3ffaa bahuun xumurteetti.

Gama biraatiin ammoo dorgommii meetira 800 dubartootaatiin Warqinash Mallasaa injjiffatee jirti. Fiigicha meetira 5000 dubartootaatiin ammoo lammiin Keeniyaa Chebet yagguu mo’attu atileetota Itiyoophiyaa keessaa Lemlem Haayiluu fi Madiinaa Isaa dorgommii kanaan sadarkaa lammaffaa fi sadaffaa argachuu danda’aniiru. Dorgommii gufachiisaa meetira 3000 dhiirotaan injifannoodhaan kan ba’e atileetii Morookoo Elbarki yoo ta’u, lammiileen Itiyoophiyaa Geetinnat Waalee fi Abrahaam Simee dorgommii kanaan sadarkaa 2ffaa fi 3ffaa qabataniiru.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG