Caaseffama Godina Haaraa Boorana Bahaa dhiyeenya mootummaa Naannoo Oromiyaatiin taasifame moormuun Aanaa Gooroo Dolaa keessatti tajaajjilli manneen hojii mootummaa, sochiin daldalaa fi daandiin cufaa jiraachuu jiraattoonni himan.
Mormii kana hordofee angawoonni Aanichaa 20 ta’anillee hidhamuu isaanii fi mormiin kun aanaalee ollaa Godina Gujii keessa jiranittillee babal’achaa jirachuu jiraattonni Sagaleen Ameerikaa dubbise dubbataniiru. Bulchaan aanaa Gooroo Dolaa Obbo Geetuu Culuqqee mormiin dhuguma jiraachuu himanii mootummaan suuta suuta uummata mariisisuuf akka jirus eeraniiru.
Forum