Itiyoophiyaa Naannoo Gambeellaa, aanaa Itaang naannoo Piinoo jedhamutti walitti bu’insaa gosaa ka’een namoonni 29 ajjeefamuu namoonni ijaan argine jedhan Sagalee Ameerikaatti himaniiru. Namni maqaan isaanii Omod Agwaa jedhaman bakkicha jiraachuu himanii namoonni baay’een miidhamuufi gandichi guutummaan gubachuus dubbatu. Akka namni kun ibasanitti halleellaan kun kan raawwate warra gosa Nuweeriin yommuu ta’u kanneen meeshaa waraanaa hidhatan Sudaan kibbaarraa gosoota isaanii Nuweeriin gargaruuf daangaa Itiyoophiyaa keessa seenanii gochaa akkasii raawwatan jedhanii haalli amma bakkicha jiru hedduu ulfaataa ta’uus eeraniiru.
Dubbii himaan bulchiinsa mootummaa naannoo Gambeellaa Ogaatuu ADiingi Kamisa kaleessaa ibsa Sagalee Ameerikaaf kennaniin walitti bu’insi gosootaa aanaa Itaangitti ji’a lama dura akka jalqabee fi boodarras gara magaalaa Gaambeellaatti babal’achuun namoonni ajjeefamuu himaaniiru. Garuu lakkoofsa namoota ajjeefamanii dubbachuurraa of qusataniiru jechuun Finfinneerraa Gabiremikaa’eel Gabiremedihiinitu gaabase.
Forum