Xurree ittiin seenan

Breaking News

Koomishinni Mirga Namoomaa Itiyoophiyaa Gaambeellaatti Walitti-Bu'insa Gosoota Gidduutti Ka’een Lubbuun Namoonni Hedduun Du’uu Gabaase 


Asxaa Koomishiniin Mirga Namoomaa Itiyoophiyaa
Asxaa Koomishiniin Mirga Namoomaa Itiyoophiyaa

Bulchiinsa naannoo Gaambeellaatti waldhabdee sabaa fi sablammootaa gidduutti fufee jiruun namoonni hedduun ajjeefamauu Komishiniin Mirga Namoomaa Itiyoophiyaa ibsa Dilbata darbe maxxansee beeksisee jira.

Ibsi kun akka jedhutti, qorannoo ji’oota lamaan darban irraa eegalee gaggeessaa tureen, hedduun ajjeefamanii akkasumas, qe’ee isaanii irraa buqqa’uu isaanii mirkaneessee jira. Kana malees,"Naannoo tokko tokkotti sababa walitti bu'iinsa uumameen gandoonni guutuun gubataniiru, qabeenyi saamamee kaan barbadaa'eera" jechuun ibsee jira.

Komishiniin mirgaa garuu lakkoofsa namoota ajjeefamanii fi buqqa’anii akkasumas baay’ina qabeenya irratti barbadaa’e ifa hin goone. Akka ibsa komishinichaa jedhutti, gareewwan hidhatan kan saba Anyuwaak fi Nuweer akkasumas gareewwan hidhatan kan mooraa baqattootaa fi Sudaan Kibbaa irraa walitti bu'iinsa kana keessatti hirmaataniiru.

Itti aanaan komishinarri olaanaa kan komishinii mirga namoomaaItiyoophiyaa, obbo Raakeeb Mallasa RSAf akka himanitti, naannoo Gaambeellaa keessatti nageenyi lubbuu dheeratuu argamsisuuf, waldhabdeen sabaa fi sablammoota lamaan gidduu jiru furmaata waaraa barbaada jechuu isaanii Gabra Mikaa’eel Gabra Madhiin gabaasee jira.

gg/jg/dw

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG