Bulchiinsa naannoo Amaaraa godinaa Shawaa kaabaa magaala Shawaa Roobiiti keessatti waltibu’iinsaa umnoottan mootummaatiif hidhatootaa Idilee hin taane gidduutti taasifameen namoonni lakkofsi isaanii addan bahee hin beekamnee du’uun isaanii gabaasameera.
Jiraattonni akka sagalee Amerikaatti himaniitti walti bu’insichii kan umamee ergaa mormitoonni karaa umnoottan raayyaa ittisaa biyaa irraa darbaa turan cufuu yaalanii booda.
Jalqaba ji’a Adoolessaa keessa ergaa haanga’aan dhimmaa nageenyaa naannoo sanaa ajjefamanii boodaa magaalichii labsii sochii daangesuu keessa akka jirtu kan beekamuudha.
Naannoo Amaaraa keessatti dhiheenyaa kana walti bu’insii umnoottan mootumaatiif hidhatootaa idilee hin taane gidduuutti yemuu umamu inni kun yeroo lammadhaaf yemmuu ta’u, Roobii dheengaddaa godina walakeessa Gondor aanaa Dambiyaa magaala Cuhaayit keessatti walti bu’iinsaa umameen naamoottan laakkofsi isaanii yeroodhaaf hin beekamnee du’uu isaanii buchiisinii naanootiif raga baatonii mirkaneesaniiru.
Karaa biraatiin bulchaan naannoo Amaaraa Dokteer Yilqaal Keffaalee gorsaa dhimmaa nageenyaa wajjira isaanii, akkasumas itti anaa itti gaafatamaa biiroo nageenyaa fi tasgabii bulchiinsa naanichaa hojii iraa kaasuu isaanii Masfin Arraagee gabaasee jira.
Forum