Mootummaan waraanaa torbee darbe Nijeer keessatti aangoo qabate fonqolcha mootummaa isaanii akka dhaabuun pirezidaantii Mohaammad Bazowum gara aangootti akka deebisu Gamtaan Awurooppaa fi Ameerikaan gaafataniiru.
Hogganaan imaammata alaa kan Gamtaa Awurooppaa Joozeep Booreel Wiixata har’a tarkaanfii Hawaasni Diinagdee Biyyoota Afrikaa Dhihaa ykn (ECOWAS) fudhateef deggersa qaban ibsanii jiru.Kunis, Dilbata darbe hoggantoota fonqolcha mootummaa irra qoqqobbii kaa’ee fi aangoo akka dabarsanii kennaniif yeroo turban tokkoo kennuun, ta’u baannaan, tarkaanfiiwwan “ humna akka fayyadamuu Ekoowaas beeksisee jira.”
Borrell ibsa kennaniin Bazoum osoo hin tursiisin gara aangootti deebi'uu qabu jedhan. Kana malees, Gamtaan Awurooppaa himannaa gidduu seenummaa biyya alaatiin jedhamee dhiyaatu akka hin fudhanne ibsuun, haleellaa namoota nagaa irratti ykn hojjettoota dippilomaasii fi dhaabbilee irratti raawwatamuuf mootummaan irree waraanaa itti gaafatamummaa akka fudhatu himaniiru.
Ministirri Dhimma Alaa Yunaaytid Isteetis Antonii Blinkan “Nijer keessatti sirna heera fi mootummaa eegsisuuf jecha ”hogganni cimaan kan Ekeewaas murtii dabarsee simatanii jiru. Ameerikaan Bazoum hatattamaan akka gadhiifamanii fi mootummaan Niger karaa dimokiraatawaa ta’een filame iddootti deebisuuf waamicha dhiyaateetti dabalamtee jirti jedhan.
Gama kaaniin, Deeggartoonni mootummaa irree waraanaa torban dabree fonqolcha mootummaatiin aangoo qabatee kanneen kumaatamaan lakkaa’aman Dilbata kaleessaa daandii magaalaa guddoo biyyattii Niameey irratti hiriira ba’uun alaabaa Raashiyaa mirmirsaa maqaa pirezidaantii Raashiyaa dhageessisaa fi humna koloneeffataa duraanii Faransaay balaaleffataa turan.
Voa/jg/dw
Forum