Xurree ittiin seenan

Breaking News

Humnoonni Negeenyaa Angoolaa Baatii Waxabajjii Jalqabee Haga Ammaatti Rogeeyyii Biyyattii 10 Ajjeesuun Gabaasame  


Pirezdaantii Angoolaa Jowaa Lawurenkoo, Amajjii 5, 2023.
Pirezdaantii Angoolaa Jowaa Lawurenkoo, Amajjii 5, 2023.

Humnonni Nageenyaa Angoolaa Ji’a Amajjii rraa kaasee hanga ammaatti Rogeeyyiiwwan Kudhanii ol ajjeesaniiru jedha gabaasni Hiyuumaan Raayitis Woochi wiixata har’aa baase.

Mootummaan Angoolaa baatii Amajjiirraa kaasee hanga ammatti Rogeeyyiiwan Kudhanii ol Ajjeseera jedha gabaasa hara’a dhaabbanni mirga namootaaf falmu “ Hiyuumaan Raayitis waach. Kana malees qaamooleen seera kabachiisan biyyicha keessatti lammiilee nagaa dhibbootaan lakkaa’aman humnaan to’annaa jala oochuun manneen hidhaa keessatti akka ragaman ibsee kanneen keessaa hojjettoonni dhaabbilee mit- mootummaallee akka argaman himeera.

Humnoonni Nangeenyaa fi Poolisii Angoolaa namoota 15 ol seeraan ala ajjeesuu isaaniis ibsi Hiyuumaan Raayitis wooch eereera. Rogeeyyiin siyaasaa fi qindeessitoonni mormii Uummataa qiyyaafannaa mootummaa akka turan kan ifoomse ibsichi Anga’oonni Angoolaa Yakka kana keessatti hirmaatan seeratti dhiyyachuu akka qabanii fi mootummaan gochaa akkasiirraallee akka of qusatu waamicha dhiyyeesseera.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG