Xurree ittiin seenan

Breaking News

Barsiisonni Yunivarsitiilee Qormaata Xumura Kutaa 12ffaa Kennuuf Naannoo Amaaraatti Ergaman Sababaa Hookkaraaf Achii Bahuu Hin Dandeenye 


Barsiisonni Yunivarsitiilee Qormaata Xumura Kutaa 12ffaa Kennuuf Naannoo Amaaraatti Ergaman Sababaa Hookkaraaf Achii Bahuu Hin Dandeenye 
please wait

No media source currently available

0:00 0:05:39 0:00

Barsiisonni Yuunivarsiitiwwan naannoo Amaaraatti ramadaman qormaata galuumsa kutaa 12ffaa baranaa kennuuf ramadaman sababa walitti bu’iinsa naannichatti uumameen tajaajilli geejjibaa addaan citee waan tureef gara naannoo isaaniitti deebi’uu akka hin dandeenye sagalee Ameerikaaf himaniiru.

Barsiisaan maqaan isaanii akka hin wamaamne gaafatan tokko, naannoo Amaaraa Yuunivarsiitii Injibaaratti ramadaman, amma garuu isaaniif waahillan isaa bahuu waan hin dandeenyeef nageenya isaaniif sodaachuu isaanii dubbataniiru. Pirezdaantonni Yuunivarsiitii Walqiixxee fi Yuunivarsiitii Jimmaas barsiisonni isaanii naannoo Amaaraa keessaa bahuu akka hin dandeenye ibsuun ,garuu barsiisota kanneen waliin bilbilaan haasa'aa jirra jedhan.

Yuunivarsiitiin Bahardar gama isaatiin barsiisota qormaata dhufan akkuma xummuraaniin dafanii akka bahan taasiseera jechuun ibse, barattoonni naannoo irraa dhufanitti deebi’uu hin dandeenye akka jiran hime jira. Dhimma kana ilaalchisee Ministeera Barnootaa fi Biiroo Barnootaa Naannoo Amaaraa irraa yaada argachuuf carraaqqiin taasifne hin milkoofne.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG