Xurree ittiin seenan

Breaking News

Naannoo Amaaraa Keessatti Walittibu'insi Humnoottan Mootummaa Fi Hidhattoota Faannoo Gidduu Jiru Ittuma Fufee Jira 


FAAYILII - Fundura Hoospitaala Riferaalii Dasee, Naannoo Amaaraa, Onk. 9, 2021.
FAAYILII - Fundura Hoospitaala Riferaalii Dasee, Naannoo Amaaraa, Onk. 9, 2021.

Walitti-bu’insi humnoottan mootummaa fi hidhatootaa naannoo Amaraa keessa socho’aa jiran giduutti taasifamaa jiru magaalotaa naanichaa tokko tokko keessatti itti fufee jiraachuu isaa jiraattonni ibsanii jiru.

Akka oddeffannoon sagaleen Amerikaa jiraattotaa irra argatee ibsetti, magaala gudichaa bulchiinsaa naannoo Amaaraa Baahir Daar keessatti guyyaa har’aa sagaleen dhukaasaa dhagamaa oleera.

Akka jiraattonni kun jedhanitti, sagaleen dhukaasaa magaalichaa keessa dhagahamaa jiruu guyyaa sadaffaadhaaf kan itti fufeedha.

Magaalota godina Shawaa kaabaa, Dabrebirhaanii fi Shawaa Roobiit keessatti, hookora itti fufee jiruun kan ka’ee waajjiraaleen mootumaatii fi dhaabbleen dhuunfaa erga hojii dhaabanii torbaan ta’ee jira.

Karaa biraatin godinaa Walloo kaabaa keessa magaalota jiran Waldiyaa, qobboo fi kaneen biro keessaatti tasgaba’insii deebi’ee mulachuu isaa ibsameera.

Kun ittu kanna jiruu, dhaabbanni tikaa fi nageenyaa biyyaalessaa kan mootummaa feederaala wareen meeshaa qabatanii hokkora umaa jiran garaa karaa nageenyaatti akka deebi’an waamicha dhiheessuu isaa kan ibsee gabaasni Masifin Arragee, daandiin qileensa Itiyophiyaa balalii isaa gara magaalotaa Laalibalaa, Gondor,Dassee fi Baahirdaaritti taasisu akka addaan kutetti jiraachuu isaa beeksiseera.

ka/bd/dw

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG