Maddii oduu Ajaans Fraans Prees /AFP kan waabeffate qondaaltota waraana Naajeeriyaa lama keessa tooko akka himanitti haleellaa walakeesaa Naajeeriyaa keessatti raawwate Kanaan ajajootaa waraanaa Sadii dabalatee loltoonni mootummaa 23 fi siviilonni isaanii wajjin turan Sadii ajjeefamaniiru.
Qondaalii waraanaa biroo gamma isaaniitin lola cimaa naanoo daandii guddicha biyyatti Zuunger Teeginaa jedhamuutti taasifamee Kanaan gareewwan hidhatootaa dhukaasicha raawwatan irrattis midhaan gudaan aakka qaqqabee ibsanii midhichii ammam akka ta’e addn hin baafne.
Lola Kanaan walqabatee xiyyaarri ykn helikooptarri waraanaa Naajeriyaa reenfaa namoottan dua’nii 11 fi nammoottan mada’an Torba ittu fe’ee balali’aa jiruu wixata kaleessaa haleellaa hidhatootaa irraa raawatameen kufuu isaa fi yaaliin namoottan xiyyaaricha keessaa turan baraaruu akka itti fufee jiru dubbi himaan unma qileensa biyyatti himuun isaanii gabaasameera.
Gareen finciltootaa Naajeeriyaa keessaa sochoo’aa jiruu walakeessaa fi kaaba lixa biyyaatti bosonaa naannoo daangaa Niijer keessa jiruufuu kutaawwan biyyatti kaaduunaa, Zaamfaraa fi Kaatsinaa keessaa maandhefatanii akka jiran gabaasni AFP kun ibseera.
Forum