Xurree ittiin seenan

Breaking News

Kan Waraana Nijerii Aangoo Mootummaa Fonqolcheen Muudaman Muummichi Ministeeraa Chaadiin Daawwatan 


Hiriira deeggarsaa magaala Nayamiy keessatti geggeeffame, Nijeer Hagayya 11, 2023
Hiriira deeggarsaa magaala Nayamiy keessatti geggeeffame, Nijeer Hagayya 11, 2023

Kan prezidaantii Niijer Mahaammad Baazuumii aangoo irraa fonqolchuun taayitaa qabate waraana Nijeriin muummicha ministeeraa ta’uun kan muudaman Lamiinee Zeeyinee, mana maree waraanaa bakka bu’uu dhaan dawwannaa jalqabaa kan biyyootii alaatti geggeessaniin Kibxata kaleessaa Chaadiin daawwatanii jiran.

Humnoonn warreen dhiyaa fi mootummoonni dimokraatawaan Afriikaa, hooggantoonni fonqolcha mootummaa erga Adoolessa 26 qabee hidhanii kan jiraniif kan aangoo irraa kaafaman prezidaant Mehaammed Baazuumiin hojiitti akka deebi’an gaafatanis, hooggantoonni waraanaa tole hin jedhin hafuu dhaan marii geggeessuuf yaalii ta’es fudhatama dhabsiisanii jiran.

Kan hooggantoonni waraanaa jalqaba torban darbe muummicha ministeeraa gochuun muudan Zeyineen, kan ofii isaanii bara 2021 keessa fonqolcha mootummaa geggeessan prezidaantii Chaad Mahaammat Debii waliin wal arganiiru. Debiin baatii darbe fonqolchi mootummaa geggeessamee yeroo xiqqoo booda yaalii jaarsummaaf jecha Nijeeriin daawwatanii turan.

Guyyaa sanas ibsa humnoonni waraanaa Niijer baasan irra deebi’uu dhaan Zaayiniin akka dubbatanitti, Niijer rakkoo naannoo aangootti dhufuu waraanaan kan ka’e uumame furuuf banaa dha, garuu mariin inni kam iyyuu walabummaa biyyattii mirkaneessuu qaba jedhan.

Gama biraan Nijer fonqolcha mootummaa-tti aansee weerara biyyootii hollaa irraa dhufuu malu of irraa qolachuuf qophii taatee jirti. ECOWAS Bazuumiin aangootti hin deebi’an taanaan tarkaanfii waraanaa akka fudhatu dhaadatee waan tureef jecha, jiraattonni Niyaamii humna ittisa biyyattii cimsuuf namoonni fedha ofiin akka itti makaman gaafatanii jiran. Kaka’umsi fedha ofiin ka’uu kun, kanneen adda waraanaatti duulanii qabee hanga ogeessota eegumsa fayyaa fi deggersa loojistikaa fi gama adda addaan deggersa walitti qabuu dha.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG