Xurree ittiin seenan

Breaking News

Kaadhimamummaa Filannoo Prezidaantummaaf Rippaabilikaanonni Wal Dorgoman Roobii Dabre Wal-Falmii Geggeessan 


Kaadhimamummaa Filannoo Prezidaantummaaf Rippaabilikaanonni Wal Dorgoman Roobii Dabre Wal-Falmii Geggeessan 
Kaadhimamummaa Filannoo Prezidaantummaaf Rippaabilikaanonni Wal Dorgoman Roobii Dabre Wal-Falmii Geggeessan 

Filannoo Pirezidaantummaa Yuunaayiitid Isteetsitti waggaa dhufu taasifamuuf deemurratti hirmaachuuf Paartii warra Rippaabuliikaarraa dorgomtoonni Saddet dhiyyaatanii Roobii darbe kana galgala Wiskoonsitti falmii isaanii jalqabaa taasisaniiru.

Wal falmii Teleeviziyooniin turtii sa’aatii lamaaf taasifame kanarratti kan saganticha gaggeessu Arbi kan kutaa kana keessatti amma hin argamiin Piriziidaantii Ameerikaa duraanii Doolaand Tiraampiim waamaa ture garuummoo Doonaald Tiraamp ammumaan filanicha dursaan jira jechuun himachaa jiru.

Itti aanaan pireezidaantii Ameerikaa duraanii Maayik peensii fi bulchaan Niwuuyoorki duraanii Doonaald Tiraampi nama himannaan yakkoota ciccimaa 91 irratti dhiyyaatee fi nama heera biyyattii hin kabajne irra deebbiin uummata kana tajaajiluuf kan ga’umsa hin qabne jechuun dubbataniiru.

Doonaald Tiraampi kan paartii Rippaabulikaanootaaf bakka bu’uun filannoo pireziidantummaaf dorgomuuf jiran himannaa 4ffaa isaan irratti banameen filannoo bara 2020 irratti moo’amuu isaanii hambisuuf kutaa biyyattii gara kibbaa keessatti yaaluu isaaniitiin kamisa kana himannaan hidhaa fi galmee haaraa isaan irratti banamerratti ni dhiyyaatu.

Wal falmii paartii warra Rippaabulikaanoota filannoo pireziidaantummaaf marsaa jalaqabaa Roobii kaleessaa gaggeeffame taasifame irratti waa’een Doonald Tiraamp dubbachaa kan turan dorgomtoonni , Bulchaan Kaaloorinaa Kibbaa duraanii Niikii Heeliin “ Doonaald Tiraampi nama

siyaasa Ameerikaa keessatti baay’ee jibbame waan taa’eef haala kanaan filannoo walii galaa Ameerikaa mo’achuun nutti ulfaata jechuun ibsaniiru.

Paartii Rippaabulikaanootaa bakka bu’uun filannoo pirezidaantummaaf dorgomuuf jiran Ramaswamy Ameerikaan deeggarsa Yuukireeniif taasiftu gaaffii keessa galuu hin qabu jedhanii Chaayinaan Raashiyaa caalaa Ameerikaaf balaa guddaadha Jechuunis ibasaniiru.

Kaadhimatoonni guyyaa Roobii Kaleessaa falmii jalqabaa taasisan hundi Seera Ameerikaan Ulfa baasuu irratti daangaa kaa’uu qabdi jedhu deeggaranii garuu Ulfa torban meeqaa isa jhedhurratti garaagarummaa agarsiisaniiru.

Wal falmiin kaadhimatoota paartii Rippaabulikaanootaa marsaan lammaffaan ji’a dhufu Kaalifoorniyaatti ni taasifama jedhameera.

Forum

XS
SM
MD
LG