Xurree ittiin seenan

Breaking News

Prezidaant Joo Baayiden Hookkara Jibbinsaan Taasisame Irratti Akka Tarkaanfiin Fudhatamu Waamicha Dhiheessan  


Pirezdaant Joo Baayden oggaa 60ffaa Maarch On Waashingitan masaraa mootummaa keessatti yaadatan, Hagayya 28, 2023.
Pirezdaant Joo Baayden oggaa 60ffaa Maarch On Waashingitan masaraa mootummaa keessatti yaadatan, Hagayya 28, 2023.

Yunaayitid Isteets keessatti hokkorri jibbiinsaa irratti hundaa’ee akka dhaabachuu qabu prezidaant Joo Baayiden waamichaa dhiheessanii jiru.

Prezidaant Baayiden waamichaa kana kan dhiheessan Wixata kaleessaa galgalaa wagga 60ffaa hiriiraa gudicha mirgaa namoomaatiif taasifameef Luba Maartiin Luuter kiing 2ffaadhaa hogganamee yaadachuudhaaf affeeraa irbataa Waayiiti Haahus keessatti taasisan irratti.

Prezidaant Baayiden sirnaa kana irraatti haasaa taasisan keessatti,

“ yemmuun aangoo qabadhe haasaan dhageesise keessatti akkan ibsetti yaadnii olaantummaan warraa adii biyya kana keessa jiru summiidha. Sumiin kun amma yeroo nu keessa jiruu kanatti akka safisaan guddachuu danda’u fi dagaagu kan eeyyamameefiidha. Hawaasnii tikaa fi nageenyaa Yunaayitid Isteets haalichaa akka shorokeessumaa biyyaa keessatti ilaala. Dhimmichii soda shororkeessummaa guddaa biyyaa keessatti fuulaa keenyaa duraa dhaabbatee jiruudha. Soda guddaa kana irratti tarkaanfii fudhachuu qabnaa.” Jedhaniiru.

Yaadannoo Wagga 60faa hiriiraa Waashingtoon keessatti taasifamee kana sababeeffachuudhaan maatiin Lubaa Maartiin Luuter Kiing 2ffaa prezidaant Baayideni fi itti aantuu prezidaanti Kamaalaa Haariis wajjin wal arganiiru.

Sirna kana irratti ibsa kan kennan Ilmii Luba Martiin Luuter kiing “yemmuu haawaasni tokkumaadhaan dhaabbatu jijjiramnii argamuu danda’a. kanaafuu, tokkumaadhaan dhaabbachuudhaan akkaataa haalichii itti adeemaa jiru geeddaruu qabna” akka jedhan gabaasameera.

Siriin kun kan taasifamee, Sambataa dheengaddaa kutaa biyyaa Filooridaa bakkaa gabaa keessatti nammi adiin jibiinsaa saba guraachaa qabu tokkoo dhukaasaa banuudhaan namottan miseensotaa saba guraachaa ta’an sadii ajjeesee erga lubbuu ofii isaas balleesee guyyaa lamma booda akka ta’e gabaasameera.

Forum

XS
SM
MD
LG