Xurree ittiin seenan

Breaking News

Jaarmayaan Gamtaa Biyyoota Afrikaa Waaltaa Fonqolcha Mootummaa Gaaboon Keessatti Raaw'atame Balaaleffate 


Namoonni fonqolcha mootummaa Gaaboon keessatti godhame deeggaruudhan oggaa gammachuu ofii ibsan, Liberiviil, Gaaboon, Hagayya 30, 2023.
Namoonni fonqolcha mootummaa Gaaboon keessatti godhame deeggaruudhan oggaa gammachuu ofii ibsan, Liberiviil, Gaaboon, Hagayya 30, 2023.

Komishiniin hawwaasa diinagdee biyyoota gidduu galeessa Afiriikaa Kamisa kaleessaa ibsa baaseen Gaaboon keessatti sirni heera mootummaa biyyattii hatattamaan akka deebi’u gaafatee waldhabee Siyaasaa furuuf humna fayyadamuu balaaleffateera.

Komishinichi haala Gaabon keessa jiru hordofaa akka jiruu fi dursitoonni biyyoota garee komishinichaa haala siyaasa fi nageenya Gaaboon keessaa irratti wal ga’ii ni taa’us jedha ibsa isaa keessatti.

Erga humnoonni Waraanaa biyyattii pireezidaantii Gaaboon aangoorra ture Ali Boongoo aangoorraa buusuu labsanii fi pirezidaantichas to’annoo mana keessaa jala oolchuu labsanii booda biyyoonni baay’een Yuunaayitid Isteetsi dabalatee gochicha balaaleffataniiru.

Dubbii himaan haajaa alaa Yuunaayiitid steetsi Maatiwu Miileer Ibsa kennaniin “ Yuunaayitid Isteetsi haala Gaaboon keessatti deemaa jiruun yaaddoo qabdi. Anngoo humna waraanaan fudhatamu ykn aangoo seeraan ala dabarsuu kamiyyuu cimsinee mormina” jedhan. Itti dabaluunis haala Filannoo Gaaboon keessatti taasifamee iftoomina dhabuu fi Alii Boongoo yeroo sadaffaaf irra deebbiin filatameera jechuu isaanii irrattis yaaddoo qabaachuu ibsaniiruu.

Gaaboon keessatti bu’aan Filannoo beeksifamee Pireezidaantiin biyyattii marsaa sadaffaaf mo’uu isaanii erga labsamee turtii sa’aatiiwwan muraasaa booda kan humnoonni waraanaa biyyaattii fonqolcha mootummaa taasisuu isaanii Televizhiyoona biyyaaleessaan ifoomsan.

Hoogganaa Egdoota Rippaabulikii kan ture Jeneeraan Biiriis Kilootaayir Niguumaa pireezidaantii koree ceee’umsaa yeroo Gaaboon ta’anii akka fialatamanii humnoonni waraanaa fonqolcha mootummaa gaggeessan ifoomsaniiru.

Jeneeraal Biiriis Kilootaayir Niguumaa mucaa Obboleessa Alii Boongoo yommuu ta’an eegduu abbaa Alii Boongoo pireezidaantii Gaaboon duranii Omaara Boongoo ture. Sana boodas hoogganaa basaasaa biyyattii ta’ee tajaajileera.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG