Xurree ittiin seenan

Breaking News

Jarmaniitti Deggertootnni fi Mormiitoonni Mootummaa Ertiraa Walitti Bu'an


 Feestivaalii Eertiraa magaalaa Giessen, Jarman, Adoolessa 8, 2023.
Feestivaalii Eertiraa magaalaa Giessen, Jarman, Adoolessa 8, 2023.

Fesivaalii aadaa Eertiraa kan biyya jarman gama kibba dhiyaaa magaalaa Istuutgaart keessatti geggeeffamee irratti jeequumsa uumameen walqabatee, qondaaltota polisii dabalatee namoonni kurnootaan lakkaa’aman madaa’aniiru jechuun Poolisiin Jarmanii beeksisee jira.

Walitti bu’iinsa kanaan poolisoota 26, hirmaattota ayyanichaa 4 fi deeggartoota mormitoota 2 dabalatee namoonni 32 madaa’uu poolisiin ibse.

Sagantaan deggertoota mootummaa Ertraan qophaa’ee kun Sambata dabree waaree booda jalqabuuf yeroo muraasa dura, mormitoonni mootummaa Ertraa gara 200 ta’an alatti walitti qabamanii poolisootaa fi hirmaattoota sagantichaa irratti dhagaa, qaruuraa fi meeshaalee biroo darbachuu jalqaban.

Deeggartoonni Mormitoota mootummaa Eertiraa gara 228 ta’an Stuutgaart keessatti qaamolee seera kabachiisaniin to’annoo jala ooluu poolisiin naannoo Dilbata kaleessaa ibseera. Ji'a Adooleessaa keessa ayyaana ykn feestivaalii Eertiraa magaalaa Giessen jedhamtu kan Jarmanii Lixaa keessatti walitti bu'iinsa uumameen poolisoonni 22 madaa'aniiru.

Hojjettoonni seera kabachiisan gara 300 ta'an gara bakka jeequumsii kun itti dhaqqabeetti bobbaafaman gareewwan faallaa walii dhaabatan lamaan gidduutti ''hokkara guddaa'' isaan mudatee jedhan itti aanaan komishinara poolisii Stuutgaart Kaarsteen Hooflo.

Sagantaa kana irratti deeggartoonni mootummaa Eertiraa hanga 90 ta’an deeggartoota mormitoota dhibba hedduu kan isaan mudatee yoo ta’u mormii isaanii iddoo biraatti akka gaggeessaniif kan aanga’oonni murteessan dhaquu diduun morkachuu isaanii poolisiin beeksiseera.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG