Xurree ittiin seenan

Breaking News

Godinaa Shawaa Kaabaa Ganda Awuraa Godaanaa ykn Qorkee Jedhamutti Haleellaa Raawwatameen Namoonni 10 Du’an:Aangawaa Aanaa Minjaar Shankoraa 


Bulchiinsaa naannoo Amaaraa Godina Shawaa kaabaa aanaa Minjaar Shenkooraa magaala Awuraa Godaanaa ykn Qorke jedhamee beekamuu keessatti siviilotaa irratti halellan raawwatamuu isaa fi qabeenyi saamamuu isaa jiraattonni fi haanga’onni himani jiru.

Hogganaa biiroo jaldhisi fi misoma bakkaawaan horsiisee bultootaa kan ta’an Obbo Siraaj Aliye Adem akka sagalee Amerikaatti himanitti , haleellaa sana kan magaalichaa irratti raawwatan Gareewwan uffataa dambii kan miseensotaa umnna addaa naannoo oromiyaa fakkaatu uffatanidha.

Gareewwan haleellichaa raawwatan kan magaalicha seenan, ergaa miseensonni raayyaa Ittisa biyyaa fi Poolisiin feederaalaa, akka tasaa bakka sana gadi lakkisanii bahanii boodaa akka ta’e kan ibsan obbo Siraaji Aliye Adem haleellaa Kanaan namoonni 10 ajjeefamuu isaanii himaniiru.

Karaa naannoo Oromiyaatiin bakka Qorkee jedhamee beekamuu kan irraatti waa’ee dhimmaa nageenyaa ilaalchisee bulchiisni naannoon Oromiyaa fi kan naannoo Amaaraa yeroo adda adaatti ibsaa kennaa akka turan kan ibsee gabaasni Mallaskaachewu Ammaahaa dhimma kana irratti naannoo Oromiyaatti, biiroon kominikashiinii godina Shawaa bahaa fi bulchaa aanaa Fantaallee irraa deebii argachuuf yaaliin taasifame akka hin milkoofne ibseera.

Abbummaa bakka kanaa irratti jiraattoota Godinaa Shawaa Kaabaa ka gama naannoo Amaaraa fi jiraattota Shawaa Bahaa, ka Gama naannoo Oromiyaa gidduutti yeroo adda addaatti wal-dhibdee tu uumamaa ture.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG