Xurree ittiin seenan

Breaking News

Naannoo Amaaraa Bakka Tokko Tokkotti Tajaajilli Bilbilaa Adda Cituu Jiraattonni Dubbatan


FAAYILII - Magaala Dasee, naannoo Amaaraa
FAAYILII - Magaala Dasee, naannoo Amaaraa

Naannoo Amaaraa godinaalee dhiyaa fi baha Amaaraa bakka tokko tokkotti kaleessa sa’a boodaa jalqabee tajaajilli bilbilaa addaan waan cite fi firoottan isaanii hubachuu akka hin dandeenye jiraattonni ibsanii jiru. VOAn kan dubbise jiraattonni magaalaalee Baahir Daarii fi Finfinnee, godina Goojjam bahaa magaalaa Debremaarqoosii fi Godina dhiya Goojjam Finoote Selaam, Danbacaa fi naannoo isaatti kaleessa galgalaa qabee bilbilli akka hin hojjenne mirkaneeffanneerra jedhan. torban kana walitti bu’iinsa deebi’ee ka’een, waa’ee nageenya isaanii maatii isaanii kan gaafatan ta’uu kan ibsan jiraattonni kun, amma bilbilli waan adda citeef dhiphachuu isaanii dubbatu.

Dhimma isaa hoji geggeesssituu Itiyo telekom aadde Firehiwet Tamiruu gama wahtsupn deebii akka kennan gaafannee, wal ga’ii boordiif biyya alaatti kan argaman ta’uu isaaniif namoonni deebii akka kennaniif kan Ramadan ta’uu ibsaniiru.

Gama biraan godina Gonder kibbaa aanaa Isgee magaalaa Mekane Iyesuus keessatti walitti bu’iinsa humnootii naga eegumsa mootummaa fi hidhattoota Faannoo gidduutti ta’een lammiiwwan nagaan ajjeefamuu fi kan madaa’an illee jiraachuu maddeen hospitaalaa fi jiraattonni VOAf mirkaneessaniiru.

Jiraataan Magaalaa Mekane Iyesuus kan maqaan isaanii akka hin tuqamne gaafatan guyyoota sadii dura walitti bu’iinsa qaamota lamaan gidduutti ta’e har’a qabbanaa’ee ooluu dubbatanii, walitti dhukaasa tureen lammiiwwan nagaan afur du’uu fi kan madaa’an illee arguu ibsaniiru

Komiishinni mirga namoomaa Itiyoophiyaa torbee ibsa baaseen qaama isa kamiinuu tarkaanfiin fudhatamu siivilootaa fi bu’uura misoomaa irratti fuuleffachuu irraa guutumaan akka of qusatan gaafateera jechuu dhaan Aster misgaanaaw gabaasteetti

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG