Xurree ittiin seenan

Breaking News

Walgahiin Xaanaa Fooram Bara Dhufuutti Akka Dabree Ibsamee Jira


FAAYILII - Magaala baahir Daar, naannoo Amaaraa
FAAYILII - Magaala baahir Daar, naannoo Amaaraa

Walitti bu’iinsi mootummaa federaalaa fi hdhattoota Faannoo gidduutti uumame bulchiinsa naannoo Amaaraa keessatti tasgabbii dhabsiisuu itti fufee waan jiruuf, Foramiin nageenyaa beekamaan kan Ityoophiyaa yeroo biraatti darbeera.

Nageenya Afrikaa keessaa irratti kan hojjatu Xaanaa Fooram sadarkaa olaanaa ibsa Kamisa darbe baaseen, walga’iin hoggantoota Afrikaa waggaa waggaan baatii Onkoloolessaa keessa geggeeffamaa ture, “haala hin eegamneen” gara Ebla bara 2024tti duubatti dhiibamuu isaa ibseera.

Waltajjiin kun kan adeemsifamu bulchiinsa naannoo Amaaraa keessatti yoo ta’u, mootummaan federaalaa hidhattoota naannoo Sanaa kanneen walitti bu’iinsa waggoota lamaaf dhiheenya kana naannoo ollaa taatee Tigraay keessatti gaggeeffameen michuu isaa turan hidhannoo hiikkachuuf yaaluun, ji’ootaaf walitti bu’iinsa mudatee jira.

Waltajjiin Taanaa “qormaata nageenyaa ardii Afrikaa ariifachiisaa ta’eef, furmaata Afrikaan durfamu qaba” jedhee of ibsa. Waggoota dhiyoo asitti, mootummaan Mummiicha Ministeeraa Abiy Ahmad sabaa fi sablammoota aangoo giddu galeessa gochuuf taasifamu morman to’achuuf qabsaa’aa waan jiruuf, rakkoon mudatee muraasni ollaa waltajjichaa keessatti mul’ateera.

Mootummaan Itoophiyaa amma, qorannoo addaa Gamtaa Afrikaatiin deeggaramee suuta erga callisee booda, bara aangoo qorannoo Tokkummaa Mootummootaan deeggaramee xumuruu barbaada. Manni Maree Mirga Namoomaa kan Tokkummaa dheeressuu fi dhiisuu ilaalchisee jalqaba baatii dhufuu murteessuuf jira.

Kamisa kaleessaa, biyyoonni Afrikaa tokko tokko kanneen kaawunsilii Tokkummaa Mootummootaa. keessatti dubbatan, Itoophiyaan ofuma ishee murtii haqaa kennuu nan danda’aa jettee amantaa qabdu, deeggaruun dubbataniiru.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG