Hogganaan waraana Sudaan, Jeneraal Abdel Fattaah al-Burhan, hawaasni addunyaa ''ispoonsaroota ykn gargaartoota'' humna deggersa saffisaa Sudaan akka dura dhaabatuuf waamicha dhiyeessanii jiru.
Kanas Kamisa kaleessaa yaa'ii waliigalaa kan Tokkummaa Mootummoota irratti haasawa dhageesiisan irratti dubbatan.
Qaama ce’umsa siyaasaa gochuun humnootiin saffisaa sirnaan waraana sudaan keessatti makamuuf karoora qabameen, waraana ka’een namoonni miliyoona 5 ol manaan ala ta’anii , lammiileen nagaa kumaatamaan lakkaa’aman ammoo ajjeefamaniiru jedhan Burhaaniin.
Hoggantoonni gareewwan waraanaa Sudaaniin walmorkatan Kamisa darbe Tokkummaa Mootummoota haasaa kan dhageesiisan yoo ta’u, tokko waltajjii waajjira haadhoo kan Tokkummaa Mootummootaa Niiw Yoorkitti argamu irraa, inni kaan immoo haala darbee dabree ta’uun, bakka hin ibsamne irraa viidiyoo waraabameen dhiyaatan.
Hogganaan humnootii saffisaa Mohaammad Hamdan Dagaloo kan maqaa Hemedtii jedhamuun beekamu, ergaa viidiyoon dhaamaniin, humnoonni isaanii walitti bu’iinsa kana xumuruuf dhukaasa dhaabuu fi marii siyaasaa bal’aa ta’eef guutummaatti qophaa’uu isaanii ibsaniiru.
Waraana walakkeessa baatii Ebla keessa Kaartuum keessatti dhohee fi naannoo Daarfuur dhihaa dabalatee kutaalee biyyattii birootti babal’atee namoota miliyoona 5 ol qe’ee isaanii irraa buqqisuu fi naannicha tasgabbii dhabsiisuuf sodaachisaa ta’uu isaatiin gama lachuu wal himataa jiru.
Forum