Giddu-galeessa Bahaa keessatti lollii Israa’elii fi garee Hamaas gidduutti adeemaa jiru lubbuu namaa fi qabeenya irratti miidhaa naannoo sanatti geesisaa jiru irra darbee walitti dhufeenya dinagdee adduunyaa irratti dhiibbaa fiduu dubbatu – ogeeyyiin dinagdee. Kan yeroo ammaa biyya Kuweet jiraaatan fi hojjetan – ogeessi dinadee Dr. Ayyelee Galaan, yoo lolichi babal’ataa deeme biyyoota baay’ee irratti, keessumaa biyyoota dinageen isaanii gad-aanaa tahe irratti dhiibbaa hamaa akka qabaatu dubbatu. Biyyoonni kana irraa bu’aa argatanis akka jiraachuu malanillee dubbatanii jiran.
Forum