Lola waraana mootummaa fi Hidhattoota Waraana Bilisummaa Oromoo gidduutti Onkoloolessa 3, 2016, naannoo Oromiyaa godina Shawaa Kaabaa, Aanaa Warra Jaarsoo, Magaalaa Tulluu Milkii keessatti gaggeeffameen namoonni nagaan ajjeefaman, jechuun jiraattonni Sagalee Ameerikaaf himaniiru.
Akka jiraattonni Aanaa Warra Jaarsoo Tulluu Milkii jedhanitti, sanbata darbe guyyaa gabaa guddaa aanichatti Onkololeessa 3 ammoo ayyaana irreechaaTulluu Milkii waan ta'eef, yerroo lolli sun geggeessamu namoonni hedduun magaalattii keessa turan. Lola kana keessatti namoonni nagaan hidhannoo hin qabne ajjeesamuullee kan dubbatan, jiraattonni kun “ammallee yaaddoo qabna” jedhu.
Dhimma kana irratti, aangawoota mootummaa kana aanichaa, kan godina Shawaa Kaabaa, kan naannoo Oromiyaa fi ka Mootummaa Federaalaa irra deebiin argachuuf tattaaffiin taasisne yeroof hin milkoofne.
Forum