Roobii Waxabajjii 18, Ministirri Muummee Itiyoophiyaa, Abiy Ahimad, Yaa’ii kaka’umsa ijaarsa bu’uura misoomaa Beejiingitti geggeeffame irratti haasawa taasisaniiru. Haasaa isaanii keessatti Afrikaan dandeettii ishee irratti dammaquun humna cimaa ta’uun damee dinagdee, siyaasaa fi hawaasaa keessatti mul’achaa akka jirtu cimsanii dubbataniiru.
Abiyyi Ahimad ardiin kun yeroo tokko kan bira darbamte amma baay’ina ummata ishee guddachaa jiruu fi qabeenya ishee uumamaa gatii guddaa qaban hedduu kan akka albuudaa fi lafa akka gaariitti fayyadamaa jirti jedhan. itti dabaluu dhaanis Afriikaan rakkoo jijjiirama qilleensaa fi daafoo walitti bu’iinsa kutaa addunyaa ka biroo keessa jiruun dararmaa jirti jedhanii, waltajjii nageenyaa kan waloo ta’e irratti taajjabdoota qofaa ta’uu hin dandeenyu jedhan.
Gumii kana irratti bakka buuotonni irra hedduu biyyoota kutaa addunyaa kibbaa irraa dhufan argamaniiru.
Gumicha haasaa dhaan kan banan prezidaantiin Chaayinaa Xi Jinpiing, waggoota kudhan dura Asiyaa Afriikaa fi Awrooppaan kan wal agarsiisu ijaarsa bu’uura misoomaa fi caasaalee enerjii ijaaruu mul’ata jedhu qabatee kan ka’e projektii kana ajaaibsiisataniiru. Warreen gama dhiyaa tattaaffii isaan dinagdee Chaayinaa irratti hirkachuu gad xiqqeessuuf taasisan illee mormanii jiran. Hoogganoonni gama dhiyaa immoo Chaayinaa waliin hariiroo daldalaa nageenyi isaa eegame geggeessuuf malee daldala Chaayinaa waliin taasisan guutummaatti dhaabuu akka hin barbaanne dubbatu.
Forum