Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hamaas Lammiwwan Ameerikaa Lama Gad-lakkise


Lammiiwwan Ameerikaa Hamaasiin Erga Butamanii booda gad dhiisaman
Lammiiwwan Ameerikaa Hamaasiin Erga Butamanii booda gad dhiisaman

Yunaayitid Isteetis lammiwwan ishee siivilii Hamaas ugguree ture keessaa lama gad-lakkisiisuu ishee Joo Baayiden kaleessa waaree booda beeksisanii jiran.

Lammiwwan Ameerikaa gad-lakkisaman Juuditii fi Naataalii Ra’anaan kanneen jedhaman haadhaa fi intala tahuu isaanii aangawoonni Israa’elis dursanii beeksisanii jiran. Lammiwwan Ameerikaa kun akka gad-lakkisaman taasisuuf qooda Qaataarii fi Isiraa’el gumaachan galateeffatanii jiran, Baayiden.

Lammiwwan Ameerikaa kun gad-lakkisamuu ilaalchisee Ministarri Dhimma alaa Yunaayitid Isteetis Antonii Bilinkenis kaleessa waaree booda gaazzexeessotaaf ibsa kennanii jiran.

Hamaas lammiwwan Ameerikaa kana gad-lakkisuun isaa “sababaalee namoomaa” fi waraansa Isiraa’el Gaazaa keessatti geggeessaa jirtuuf “ka deggersa cimaa kennaa jiran Prezidaat Joo Baayideniif ergaa dabarsuuf” akka tahe gabaasaan sun hubachiisee jira.

Lammiwwan Ameerikaa uggura sana irraa gad-lakkisaman Koree Fannoo Diimaa Idiladdunyaa harka jiraachuu isaanii maddeen itti dhiheenya qaban ibsanii jiran.

Dubbi-himaan Hamaas Abuu Ubaayidaa irraa kan bahe tahuu isaa kan gabaase ibsi kun, “Ugguramtoonni kun kan gad-lakkisaman carraaqqii Walin dubbachiisuu Qaataar gooteef deebii kennuudhaaf, kabajaa namoomaatiif jechuun akkasumas kan Baayiden “Faashistii” jechuun waame bulchiinsi isaanii, kan Isaan bedhan dharaa fi kan dundee hin qabne tabu Ameerikaa fi uummata addunyaatti agarsiisuufi,” jechuun maddi oduu sun gabaasee jira.

Ugguramtoota harka Hamaas jiran keessaa baay’een isaanii fayyaa tahuu isaanii Waraanni Isiraa’el kaleessa waaree irratti ka beeksite yoo tahu, gorsaan muummicha ministaraa Isiraa’el kan Beenjaamiin Netaanyaahuu, Maarka Raagevis, odeeffannoodhuma kana madda oduu CNN’f mirkaneessanii jiran.

Galoo Gaza keessa uummata Miliyoona lamaa fi kuma dhibba adii tahu tu nyaata, dawaa fi boba’aa malee marfama guutuu fi adda-qoodama keessa kan jira yoo tahu, kan galop sana bulchaa jiru Hamaasiin guutummaattan barbadeessa kan jettu Isiraa’el, haleella cimaa akka irratti deemsisaa jirtu gabaasamee jira.

Gaza keessatti daa’imman dhibbootatti lakkaawaman dabalatee Falasxiinonni kuma afurii fi dhibba tokkoo fi kudzu said ajjeesamuu isaanii fi kanneen kuma 13 tahan madaa’uu isaanii maddi-oduu Raaoyiters Ministara Fayyaa Falasxiin wabeeffachuun gabaasee jira. Kanneen Miliyoonotaan lakkaawaman dahoo malee hafuu isaanii Tokkummaan Mootummootaa beeksisee jira.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG