Xurree ittiin seenan

Breaking News

Iraa'el Wixata Har'aa Galoo Gaazaa Keessatti Humna Qilleensaan Haleellaa Raaw'attee Jirti


Faayilii -Israa'el Dugdee Gaazaa Irratti Haleellaa Samii Irraan Geggeessite , Ennaa Israa'el Gama kibbaa irraa mul'atu, Oct. 23, 2023.
Faayilii -Israa'el Dugdee Gaazaa Irratti Haleellaa Samii Irraan Geggeessite , Ennaa Israa'el Gama kibbaa irraa mul'atu, Oct. 23, 2023.

Haleellaan xiyyaaraa Israa’el naannoo Falasxiin marfame irratti Wiixta ha’ra itti fufee jiruun, aarri guddaan Gaazaa irraa samiitti ol ka’ee mul’atee jira.

Xiyyaaronni waraanaa Israa’el ganama har’a,naannoolee namoonni nagaa Falasxiin dahannaa akka barbaadan itti himame dabalatee, guutummaa Gaazaa kan rukutan yoo ta’u, kunis gargaarsaa xiqqaan gara Gaazaatti akka seenu eega hayyamamee booda.

Israa’el ammallee boba’aan tokkollee Gaazaa akka seenu kan hin hayyamne yoo ta’u, kunis bakka humni ibsaa gara torban lamaaf addaan citee turetti.

Ministiroonni dhimma alaa kan Gamtaa Awurooppaa ammoo gargaarsa namoomaaf dhaqqabsisuuf jecha, dhukaasa dhaabinsii akka argamuuf, walga’anii dhukaasa akka dhaabbatu waamicha dhiyeessuu yaadaniiru.

Xiyyaaronni waraanaa kan Israa’el Libaanan keessattis maadheelee Hizbollaah kan Leebaanan keessaa, kan haleelan yoo ta’u, iddoon kunis lafa misaa’ela farra taankii fi rookkeetiin gara Israa’elitti furguggisuuf qophaa’aa jiran jedha.

Hogganaan imaammata alaa kan Gamtaa Awurooppaa Joozeep Booreel gaazexeessitootatti akka himanitti, gargaarsa namoota Gaazaa keessa jiran bira akka ga’uuf waldhabdee kana dhaabuun barbaachisaadha jedhanii amanu.

Konkolaataan gargaarsa fe’an marsaa sadaffaan karaa qaxxaamuraa daangaa Raafaa gara Gaazaatti akka seenu hayyamamuu isaa yeroo muraasa dura Booreel kana dubbatan.

Hoggantoonni Ameerikaa, Kaanaadaa, Faransaay, Jarman, Xaaliyaanii fi Biriteen mirga Israa’el ofirraa ittisuuf qabdu irra deebi’anii kan deeggaran yoo ta’u, seera namoomaa jalatti lammiileen nagaan akka eegaman gaafatan.

Gargaarsi namoomaa marsaa sadaffaan karaa qaxxaamuraa daangaa Raafaa gara Gaazaatti darbaa jira. Waraanni Israa'el fi Hamaas inni ammaa, lola Gaazaa shanan keessaa, lubbuu namaa kan galaafate ta'eera. Israa'el keessatti namoonni 1,400 ol ajjeefamaniiru, irra caalaan isaanii haleellaa jalqabaa Hamaas Onkoloolessa 7 raawwatameen ture. Ministeerri Fayyaa kan Falasxiin lakkoofsi namoota Gaazaa keessatti du’anii yoo xiqqaate 5,087 kan ga’e yoo ta’u, namoonni 15,273 kan biroo madaa’aniiru.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG