Xurree ittiin seenan

Breaking News

Komoshiiniin Mirga Namoomaa Itiyoophiyaa Mirgii Haqa Buqqaatotaa Akka Hin Eegamne Ibsee Jira


Faayilii -Komiishina mirga namoomaa Itiyoophiyaa
Faayilii -Komiishina mirga namoomaa Itiyoophiyaa

Itiyoophiyaa keessatti sababa nageenyaatin kan ka’ee namoottan jireenyaa isaanii irraa buqa’an haqaa argachuu akka hin dandeenye komishiinin mergaa namoomaa Itiyoophiyaa beeksisee jira.

Komishiinichi mirgaa namoomaa irratti gabaasaa wagga baasee keessatti akka ibsetti mootummoon wareen lammilee biyyaati jereenyaa isaanii irraa buqisanii fi miidhaa geessisan irratti itti gaafatamumaa waan hin mirkaaneesineef buqaatonni mirgaa haqaa isaaniif malu argachuu isaanii akka dhaban ibsee jira.

Dhaabatichatti itti aantuu komishineeraa kan ta’an Raakeeb Mesele sagalee Ameerikaat akka himanitti, gareewwan buqaatotaa irratti miidhaa geesisan irratti mootummaan taarkaanfii baruumsaa t’au danda’u fudhachuu dhiisuu qofa ittu hin ta’in, buqaatotaafi eegumsaa fi gargaarsa waan hin taasifneef buqa’uun itti fufee jiraachuu isaa ibsaniiru.

Dhimma kana irratti kan yaada kennaan hogganaan dhaabbataa hogeessotaa seeraa mirgaa namoomaatiif falmuu kan ta’an obbo Ammahaa Mekonin sagalee Amerikaatti akka himanitti mootummaan itti gaafatamumaa mirkaneesuu kan dadhabe, dandeetiidhaa fi kutannoo dhabuu irraa kan ka’e tauu isaa ibsaniiru.

Mootummaan Itiyoophiyaa Eegumsaa buqaatotaa fi taasisamuu qabu irratti walgaletee Idilee adduunyaa akkataa isaa iraa eegamuutti hojii irra ollchuu akka hin dandeenye kan ibsan Itti antuu Komishineriin Komishinii migaa namoomaa Itiyoophiyaa, yeroo amma namoottan qe’ee isaanii irraa buqa’an miiliyoopnii Afuri fi qabxii Sadii akka ta’an himanii isaan keesaa harka 80 kan ta’an kan buqa’an sababa waliti bu’isaatiin akka ta’e eeruu isaanii Gebremikaa’el Gebremedihiin gabaaseera.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG