Xurree ittiin seenan

Breaking News

Tokkummaa Mootummootaatti Ambaasaadderri Israa’el Muummichi Barreessaan Antooniyoo Gutereesh Aangoo Haa Gad Dhiisan Jedhan


Barreessaan Tokkummaa Mootummootaa aangoo akka gad dhiisan Israa'el gaafatte
Barreessaan Tokkummaa Mootummootaa aangoo akka gad dhiisan Israa'el gaafatte

Tokkummaa Mootummootaatti Ambaasaaddarri Israa’el Kibxata darbe muummichi barreessaan tokkummaa mootummootaa Antooniyoo Guterees gocha hammeenyaa lammiilee Israa’el irratti raawwatame balaaleffachuu dhabuu isaanii himachuu dhaan aangoo akka gadhiisan gaafataniiru. Gilaad Erdaan waajjira haadhoo kan Tokkummaa mootummootaa New York jiru keessatti haasawa taasisaniin, jaarmiyichi ''gocha hammeenyaa ittisuuf hundeeffame'' kan jedhan yoo ta'u, yoo Guterees dhiifama hin gaafanne achi jiraachuu isaaniif sababni akka hin jirre Erdaan dubbataniiru. Kanaan dura Guterres, dararaan ummata Falasxiin “gocha shororkeessummaa suukaneessaa fi kanaan dura hin mul’anne Hamaas Israa’el keessatti raawwate kan Onkoloolessa 7 sababa ta’uu akka hin dandeenye ibsuun, namoota booji’aman hundi hatattamaan akka hiikaman gaafataniiru.

Akkasumas Guteres haleellaan suukaneessaan sun adabbii waloo ummata Falasxiin irratti raawwatamuuf sababa ta’uu hin danda’u jechuun cimsanii dubbataniiru. seera namoomaa sadarkaa addunyaa ifatti cabsuu irratti yaaddoo guddaa akka qabanii fi , Israa’el walitti aansitee Gaazaa irratti boombii roobsuu fi sadarkaan badiisaa fi miidhaa namoota nagaa irra ga’aa jiru “sodaachisaa” dha jechuun ibsaniiru.

Israa’el ammas Hamas balleessuuf dhaadachuu dhaan, walgahii sadarkaa olaanaa kan Tokkummaa Mootummootaa Kibxata kaleessaa gaggeeffame irratti waamicha dhukaasa dhaabuuf dhihaate fudhatama dhabsiisuu dhaan waraanni Gaazaa waraana ishee qofa osoo hin taane waraana addunyaa bilisa baasuu ti jette.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG