Xurree ittiin seenan

Breaking News

Waraanni Yunaayitid Isteetis Sooriyaa Keessatti Har'a Bakka Lama Xayyaaraan Haleeluu Isaa Beeksise


Waraanni Yunaayitid Isteetis Sooriyaa Keessatti Har'a Bakka Lama Xayyaaraan Haleeluu Isaa Beeksise
Waraanni Yunaayitid Isteetis Sooriyaa Keessatti Har'a Bakka Lama Xayyaaraan Haleeluu Isaa Beeksise

Humni Waraana Israa’el lafaa fi samii irraa garee Hamaas irratti haleellaa raawwachu yemmuu itti fufee jiru kanatti, Yunaayitid Isteets jimaata har’aa baha Sooriyaa keessatti haleellaa Xiyyaaraa raawwattee jirti.

Haleellaa xiyyaaraa baha sooriyaa bakkawwan lamatti raawwatee kana ilaalchisuudhaan itti gaafatamaan dhimmaa preesii ministeeraa Ittisaa Yunaayitid Isteets/ Peentaagoo birgaadeer Jeeneraal Paat Raayider akka jedhanitti, haleellichi kan xiyyeefate kutaa waraana waardiyaa warraaqisa Iraan ykn “Iran Revolutionary Guard corps” jedhamuufi isa baha Sooriyaa keessaa maandhefatee jira jedhamee irratti.

Ministeerri ittisaa Yunaayitid Isteets Looyid Osten gareen hidhatootaa mootummaa Iraaniin degeraman buufatta loltoota US. Iraaqii fi Sooriyaa keessa jiru irratti Onkololessa 7 booddee haleellaa hin milkoofnee raawwachuu isaanii fi Yunaayitid Isteets mirga of irraa qolachuu ishee fayyadamuudhaan akka deebii kennitu dhiheenyaa kana ibsanii turan

Garaa biraatiin waraanni Israa’eel jimaataa har’aa haleellaa waraana lafoo fi Xiyyaaraan Gaazaa keessatti raawwachaa jiruun alatis misaa’eloota dhukaasuun isaa gabasamee jira.

Dhaabata midiyaa umna tikaa mootummaa masirti dhiheeyaa qabu fi madda oduu Al Qahera jedhamu waabeeffachuudhaan maddaaleen oduu akka ibsanitti misaa’elli Israa’el irraa dhukaasame magaalaa Masr daangaa galaanaatti argamu Taabaa rukutee jira.

Bakka Gaazaa irraa kiilomeetrii 220 fagaatee jiru kana irratti haleellaa raawwatame Kanaan namoota Jahaa irra madaan salphaan ta’e qaqqabuu isaa maddaawwan tikaa mootummaa masr ibsuun isaanii gabaasameera

Halleellaa umnoottan Israa’eel Hamaas irratti taasisaa jiranuun walqabatee amma har’aati lammileen Paalastaayin kuminni Torbaa ajjeefamuu isaanii kan ibsee ministeerri fayyaa kutaa Gaazaa, isaan keessaa 2900 ijoollewwan, 1500 immoo dubartootaa akka ta’an beeksiseera.

Karaa biraatiin kamisaa kaleessaa magaala Braasels keessatti walgahii kan taasisan hoggantoonni biyyoottan gamataa Awurooppaa 27 haalii namoomaa Gaazaa keessa jiru akka isaan yaaddese ibsuun isaanii gabaasameera.

Muumichii ministeeraa biyya Beeljiiyeem Aleksaandeer De Siroo Israa’el Gaazaa beelesaa jirtii jechuudhaan qeeqanii jiru. Israa’el mirgaa haleellaa of irraa qolachuu akka qabduu fi fulaa duratiis akka haleellaan irratti hin raawwatamenee gochuudhaaf akka mirga gabdu kan ibsan muummichi ministeeraa Beeljiiyeem sababa kaanaan garuu kutaa sana hunda cufuuniifi akka gargaarsii namoomaa hin qaqqabnee gochuudhaan namootaa beelesuun sirrii akka hin taane ibsaniiru.

Haaga’onni Israa’el gamma isaaniitin Gaazaa keessatti, keessumaa akka boba’an galuu taasisuun Hamaasin gargaaruu danda’a jechuudhaan boba’aa akka hin eeyyaamanne ibsanii jeru.

Akka dhaabileen gargaarsaa jedhanitti, yeroo amma namootta Miliyoonii 1.4 qe’ee isaanii irraa kan buqqa’n yemmuu ta’u isaanii keesaa namoonii 629,000 daa’owwaan hatattamaa dhaabbata mootumaata gamtoomanii 150 ta’an keessa qubatani jiru.

Akka dhaabileen gargaarsaa dhaabata mootumoota gamtoomaanii ibsanitti qibxata darbee kaasee amma jimaataa har’atti konkola’attonni gargaarsaa fe’anii karaa Masrin Gaazaa seenan 62 qofa. Kan barbaadamuu garuu guyyaatti akka konkola’attonni 500 seenanu akka ta’e gabaasameera.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG