Xurree ittiin seenan

Breaking News

Waraansi Lafoo Isiraa'el Geggeessitu Gara Gaazaatti Babal'atee Jira


Faayilii- Dugdee Gaazaa Onkoloolessa bara 2023
Faayilii- Dugdee Gaazaa Onkoloolessa bara 2023

Loltoonni fi Taankiilee Israa’el Wiixata har’a gara Gaazaa gama Kaabaatti kan ce’an yoo ta’u, iddoo looltoota isaanii itti seensiisanis babal’isaa jiru.

Israa'el haleellaa Gaazaa irratti gaggeessitu babal'isuun sa’atii 24 keessatti, maadheelee Haamaas 600 caalaa rukutte. Kana malees,Israa'el Siiriyaa fi Libaanon keessattis haleellaa gaggeesitee jirti. Kunis haleellaa biyyoota lamaan irraa nu irratti banameef deebii kennameedha jechuun Israa’el ibsitee jirti.

Dhaabbatii “Save the Children” jedhamu ibsa baaseen, lakkoofsi daa’imman torban sadii keessatti Gaazaatti ajjeefamanii lakkoofsa daa’imman waldhabdee addunyaa bakka adda addaatti bara 2019 kaasee gaggeeffamaa jiru fi waggaatti gabaafamuu sana caalee jira.

Waldhabdee Israa’eel fi Gaazaa mudateen daa’imman 3,000 ol ajjeefamaniiru jedhee jira.

Pirezidaantiin Yunaaytid Isteetis Joo Baayiden Muummicha Ministeera Israa’el Beenijaamin Netaaniyaahuun, namoota nagaaf eegumsii akka taasifamuu, akkasumas gargaarsa namoomaa Gaazaaf kennamu akka dabalu gaafatan.Addunyaan Gaazaaf gargaarsii akka seenuu gochuuf dhukaasii akka dahabatuuf iyyataa jira.

Dubbi himaan raayyaa ittisaa kan Israa’el, jiraattonni bakka maadhee ciccimoo Hamas irraa akka fagaatan dhaamaniiru, “lolli keenya ummata Gaazaa osoo hin taane Hamas waliinii jedhan.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG