Namoonni dhibbootaan lakkaa’aman, dirree buufata dirree xiyyaaraa guddicha Raashaa kan Kutaa Daagestan keessa seenuun, dhaadannoo farra Jushootaa dhageessisuun, imaltoota balalii Israa’el Tel Aviv irraa ka’een dhufan barbaadaa akka turan dhaabbileen oduu fi miidiyaaleen hawaasaa Raashiyaa gabaasanii jiru.
Gabaasni oduu Raashiyaa akka jedhutti, namoonni walitti qabaman kun, xiyyaara Raashiyaa kan Red Wings jedhamu kan ta’e marsanii turan.
Angawoonni buufata xiyyaaraa magaalaa guddoo naannoo Musliimonni baay'inaan keessa jiraatan Makaachkalaa cufanii, poolisiin bakka sanatti walitti qabamaniiru.
Ministeerri Fayyaa Daagestaan akka jedhetti namoonni 20 ol kan miidhaman yoo ta’u, lama ammoo haala yaaddessaa keessa jiru.
Ministeerri Fayyaa Daagestaan akka jedhetti namoonni 20 ol kan miidhaman yoo ta’u, lama ammoo haala yaaddessaa keessa jiru.Kanneen miidhaman poolisootaa fi namoota nagaa akka ta’an ibseera.
Viidiyoon miidiyaa hawaasaa irratti namoota walitti qabaman keessaa gariin alaabaa Falasxiin mirmirsaa, kaan ammoo konkolaataa poolisii garagalchuuf yaalaa akka jiran agarsiisa.
Dhaadannoowwan farra jushootaa kan dhaga'amu yoo ta'u, namoota walitti qabaman keessaa tokko tokko paaspoortii imaltoota dhufanii qorataniiru, kunis warra Israa'el ta'an adda baasuuf yaaluun isaanii fakkaata.
Dilbata galgala waajjirri Ministira Muummee Israa’el Beeniyaamin Netaaniyaahuu akka jedhetti, Israa’el “aanga’oonni seera kabachiisan kan Raashiyaa bakka jiranitti, nageenya lammiilee Israa’el fi Jushoota hunda akka eeguu akkasumas, kanneen jeequmsa kaasanii fi Yihudoota irratti kallattiin fulleeffatan kutannoodhaan akka hordoofan ni eegdi jedha.
Waajjirri Netaaniyaahuu itti dabaluun, Raashiyaatti ambaasaaddarri Israa’el nageenya lammiwwan Israa’elii fi Jushootaa eegsiuuf Raashiyaa waliin hojjechaa akka jiran ibseera.
Mootummaan naannoo Dagestaan lammiilee Falasxiinota Gaazaa keessa jiraniif deeggarsa yeroo dhageessisan kanatti, lammiileen akka tasgabbaa’anii fi mormii akkanaa irratti akka hin hirmaanne waamicha dhiyeessee jira.
Forum