Mootummaan federaalaa Itiyoophiyaa egeree lafa falmisiisaa bulchiinsa naannoo Tigraay hiree murteeffannoo ykn rifarandamiin akka furamuu, namoota humnaan buqqa’an kuma dhibbaan lakkaa’aman akka deebifaman har’a dubbateera.
Beeksisni Wiixata har’a kun kan ba’e dhukaasa dhaabuun waraana hamaa biyya kaabaa keessaatti geggeeffame erga xumuree waggaa tokko booda.
Haalli falmisiisaa Tigraay Lixaa, lafa lalisaa Sudaan daangessu kun, waldhabdee waggoota lamaaf Adda Bilisummaa Ummata Tigraay(ABUT) fi mootummaa federaalaa gidduutti uumame keessatti dhimmai ijoo ture.
Akka heera Itoophiyaatti Tigraay Lixaa kan Tigraay yoo ta’u garuu humnoota naannoo ollaa Amaaraa irraa dhufanii fi kan keenya jedhaniin qabamee jira.
Lammiileen Tigraay kuma dhiibba hedduutti lakkaa'aman, humnaan ari'amuun himannaa midhaa sabaa akka dhiyaatu taasiseera.
Mootummaan waggaa dhukaasa dhaabuu kabajuuf ibsa kenneen, namoonni qe’ee isaanii irraa buqqa’an akka deebi’anii fi waraanni federaalaa itti gaafatamummaa nageenya naannoo akka fudhatu ibseera.
ABUT ibsa Jimaata maxxanseen, namoonni hedduun ammallee qe’ee isaanii irraa buqqa’anii waan jiraniif, dhukaasa dhaabuun guutummaatti hojiirra hin oolle jedheera.
Dhuma baatii ji’a Adooleessa keessa karoora gareewwan hidhatan akan naannoo, waraanaa biyyaa fi poolisii federaalaatti makuuf karoorfame irratti bulchiinsa naannoo Amaaraa keessatti lolli kan ka’e yoo ta’u, milishoonni naannoo Faanoo jedhamuun beekaman yeroo gabaabaaf magaalota naannichaa tokko tokko to’ataniiru.
Waldhabdee uumamee kanaan, ji'a jalqabaa keessatti yoo xiqqaate namoonni 183 ajjeefamaniiru jedha TokkummaanMootummoota. Komishiniin mirga namoomaa Ityoophiyaa mootummaan muudame torban darbe akka ibsetti, haleellaa qilleensa irraa fi ajjeechaa seeraan ala raawwatameen lammiileen nagaa kurnootaan lakkaa’aman ajjeefamaniiru.
Mootummaan Ityoophiyaa himannaa kana fudhatama dhabsisuun, seeraa fi sirna naannoo Sanaa iddootti deebisuu isaa ibseera.
Forum