Xurree ittiin seenan

Breaking News

Walitti bu'iinsi Ji’a Eebilaa Keessa Sudan Keessatti Ka’e Dhimma Daangaa Bulchiinsa Abiyyee Addaan Kuchisiise, Jedhame


UN Sudan Human Rights
UN Sudan Human Rights

Dhaabbata mootummoota gamtoomaniitti hoogganan dhimmoota nagaa Jeen Pierre Laakrooksi Sudaan keesatti Ji’a Eebilaarraa kaasee wal waraansi jalqabuu isaatiin mariin siyaasaa murteessaan fi dhimi daangaa bulchiinsa Abiyee adeemsa xumuraarra ga’ee kan ture addaan citeera jedhan. Laakrooksi wiixata darbe kana mana maree gola nagaa dhaabbata mootummoota gamtoomaniirratti ibsa kan kennan rakkoon kun ammas buqqaatonni akka baay’atan taasisuus himaniiru. Haalli uumamee jiru kun naannoo bulchiinsa Abiyee keessattis daldadallii daddabarsi meeshaa waraanaa akka babal’atu taasiseeraas jedhan.Meeshaaleen namoonni itti fayyadaman kan dhufan Kaabaarra waan tureefis namoota Abiyee keessa jiraatan rakkoo diinagdee hamaa keessa galchuus himaniiru.

Laakroosi akka jedhanitti Humni nagaa eegsiisu kan dhaabbata Mootummoota gamtoomanii Kab Abiyee keessaa karaa bobbi fi qophii dhiyyeessii isaa haala qabatama haaraa waliin wal simsiisuun sirreessuu akka qabu fi ammayyuu rakkoon nageenyaa naannichatti hojjettoota ergama nagaa kan dhaabbata mootummoota gamtoomaniirratti akka xiyyeefatamu dubbataniiru. Ji’oota ja’an darban keessattis yeroo sadii haleellaan warra nagaa eegsiiftoota irratti qiyyaafate taasifamuu himaniiru.

Gaanfa Afiriikaatti Ergamtuun addaa hoogganaa dhaabbata mootummoota gamtoomanii Hannaa sERWAA mana marichaarratti haasaa taasifteen lammiileen sudaan kumaatamaan lakkaa’aman walitti bu’iinsa kana baqachuu isaanii malees, namoonni 353,000 ol ta’an galmaa’anii deebi’anii fi baqattoonni Sudaan keessummeessite gara Sudaan Kibbaatti ce’aniiru, biyya ummanni 2/3 amma dura gargaarsa namoomaa baay’ee barbaadutti jetteetti.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG