Waraanni Israa’el nama Haamaasiif meeshaa waraanaa oomishu kan sadarkaa olaanaa ajjeesuu isaa ibsee jira. , Kunis humnoonni Israa’el Gaazaa keessatti haleellaa qilleensa irraa fi lafoo garee hidhattoota kana irratti xiyyeeffachuun yeroo raawwatanitti ta’uun ibsamee jira.
Tokkummaan Mootummootaa akka jedhetti, lakkoofsi namoota Gaazaa gama kaabaa keessaa baqatan Wiixata dheengaddaa fi Kibxata kaleessaa gidduutti dachaa sadii dabaleera.
Gaazaa Kibbaa keessatti “namoota haaraa dhufan daahachisuu ykn keessummeessuu hin dandeenye” kan jedhu Tokkummaan Mootummootaa, iddoon sun akkaan namootaan guutamu akeekkachiiseera.
Jiraattota Gaazaa miliyoona 2.3 keessaa gara harka sadii keessaa lama jireenya isaanii irraa buqqa’aniiru kan jedhu jaarmayaan kun, haalli qulqullina naannoo hammaataa dhufuu fi hanqina bishaanii fi boba’aa isaan mudachuu ibsee jira.
Torban lamaan darban keessa konkolaattota fe’umsaa 81 dabalatee karaa gama Masriitiin gargaarsi namoomaa Gaazaa ga’eera. Tokkummaan Mootummootaa osoo waldhabdeen kun hin jalqabin dura, guyyaatti giddu galeessaan konkolaattonni gargaarsaa 500 gara Gaazaatti akka seenaa turan dubbata.
Ministirri Raayyaa Ittisa Biyyaa Israa’el loltoonni isaanii Magaalaa Gaazaa keessa akka jiran dubbatan Humnoonni Israa’el magaalaa Gaazaa keessatti socho’aa waan jiraniif, namoonni nagaa kan Falasxiin hedduun karaa kutaa Gaazaa gama kaabaan gara kutaa gama kibbaa naannoo sanaatti baqachaa jiru.
Ministeerri Fayyaa Gaazaa Hamaasiin geggeeffamu akka jedhetti, lakkoofsi namoota haleellaa Israa’eliin du’anii 10,500 caaleera.
Biyyonni G7 mirga ofirraa ittisuu Israa’el kan deeggaru yoo ta’u, gargaarsi namoomaa namoota nagaa ykn Faaliisxiinoota bira akka ga’uu gochuuf lola akka dhaabbatu gaafatee jira
Haleellaa Isiraa’el Gaazaa Keessatti Geggeessiteen Lammiileen Falasxiin Gaazaa Kaabaa Kessaa Baqatanii Bahaa Jiru
- VOA

Forum