Maddeen itti dhiheenya qaban Sagalee Ameerikaaf akka himanitti, waldhabdee naannoo Oromiyaatti nagaan xumuruutti kan fuuleffate mariin marsaa lammataa Mootummaa Federaalaa Itoophiyaa fi Waraana Bilisummaa Oromoo gidduutti Taanzaaniyaa keessatti kaleessa eegalamee jira. Furmaata waaraa irra ga’uuf qaamoleen lamaan kutannoo agarsiisan kan dinqsiisamuu qabu, jedhu madden kun. Garuu, Mootummaan Itiyoophiyaa ta’e Waraanni Bilisummaa Oromoo irraa jalqabamuu marii kanaa ilaalchisee kan ibsa kenne hin jiru. Hoggantoonni paartiilee mormitootaa Sagalee Ameerikaaf isaanii ibsan ammoo qaamooleen lamaan waliigalteerra ga’uuf akka tattaaffii isaanii cimsamn dhaamaniiru. Mariin marsaa lammataa kun erga mariin marsaa jalqabaa waliigaltee malee xumuramee baatii jahaa booda Kaleessa eegaluun isaa kan himame.
Forum